top of page

Oromoon Jechaa fi Gocha Gantootaan Afaanfajjawuu Hin Qabu!

(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Lola PPn uummata Oromoo fi WBO irratti gaggeessaa jirtuun kasaaraa guddaa keessa galuun ifa galaa dha. Injifannoo WBOn baadiyyaalee Oromiyaa dhuunfachuu fi magaalota qabachuun mooraa diinaa raasaa jira. Haala kanaan diinni kasaaraa isaa kana ololaan haguuguuf afaan gantootaan dubbataa jiru Oromoon osoo hin alanfatne akka hin liqimsine hubachiisna. PPn jaarmaya farra-dimokraasii, kan eenyummaa nafxanyummaan guutame ta’uu moyxannoon ganna sadan darban keessatti qajeellootti waan mul’atee jiruuf, yerooo ammaa dhugaa kana namni hin hubanne yoo jiraate fayyaa hin qabu. Gantooti PPn uumamaan farra dimokraasii tahuu osuma beekanii abdii hin guutamneen of-sobanii rakkina siyaasaa naannoo kanaa furuuf yaalan uummata keenya wareegama ulfaataaf saaxile, gantootattiammoo waaroo salpinaa itti uffise malee bu’aan irraa argame tokkollee hin jiru. Addi Bilisummaa Oromoo maalummaa PP hojiidhaan lafa irratti waan beekuuf osoo PPn guutuutti hin diigamiin nagaadhaan waliin hojjetanii rakkoo siyaasaa naannichaaf furmaata waaraa fiduu akka hin dandahamne ibsaa ture. ABO-WBOn dhugaa kana tolchee hubachuudhaan, uummata barsiisee ijaaruu fi hidhachiisuudhaan uummatni akka mirga isaa qabsoodhaan kabajsiifatu taasisuu irratti hojjetaa jira. Galata ABO fi Ummata Oromoo kan mirga ofii kabajsiisuuf gootummaa fi cichoominaan qabsaawee, har’aan tana PPn eenyummaan isaa kan farra-ummataa, dimokiraasii, farra-bilisummaa fi nageenyaa tahe hunda biratti saaxilamee uummatoota hundaan jibbamee tufamuu bira taree, qabsoo uummatootni mirga ofii kabajsiifachuuf geggeessaniin akka hin dandamannetti haleelamee afaan boollaa irra gahee jira. PPn sadarkaa amma irra gahe kan kufaatii isaa kan hin oolle ta’uu hubachuun fi of dandamachiisuuf diraamaa shiraa hojjechuuf yaaluu irraa hanga du’ee awwaalamutti hin dhaabbatu. Diraamaa kanas ergamtoota isaa kanneen tahan miseensota dhaabota kaayyoo isaa ittiin galmaan gahachuuf bifa ofii isaatiin bixxilee fi gantoota sabaa kan garaa isaaniif bulanitti dhimma bahuudhaan seenessuuf tattaafachaa jira.

Gantooti kan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessa jiran fakkaatanii, ganna 20 dabraan keessatti mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo marsaa sadiif adda qooduun wal waraansisuun seenaa fokkataa hojjetan, har’as marsaa afraffaaf WBO maqaa gosaan wal waraansisuun yakkaa raawwatuuf karoorfatan jabinaa, cichoomina fi Tokkummaan WBOn dura dhaabbateef fashalee jira.

Bobbaan gantootaa WBO karaa nagaa galchina jedhanii diinaaf waadaa galan, waggaa sadan darbaniif mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’an, ammas rakkoo fayyaa jaal Goollicha Dheengee mudate itti dhimma bahuun miidiyaa irratti ololuuf qophii kan xumuran ta’uu hubatamee jira. Jaal Goollichi Dheengee qabsaawaa gaafagantooti dirree irraa qawwee Oromoo fudhatanii galan didee fi dirree hidhannoo keessatti hafe ture. Booda irra sababa dhukkubaaf kan hojii irra hin turre ta’uu fi dhihoo kanas shira gantootaan dogoggorfamee media irratti bahee akka WBOn miidhaa irraan gahe dubbachuun isaa ni yaadatama. Dhibee fayyaa Jaal Goollicha mudatetti dhimma bahanii, moonaa impayera Itiyophiyaa gammachiisuuf, seenaa isaa ammoo gurraachessuun, cubbuu mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi jaal Goollicha irratti raawwataa turan hedduu dha. Rakkoo gantooti kun uuman obsaan furuuf tattaafatamus itti milkaahuu hanqachuun nama gaddisiisa. Kanaafis tattaaffii jaarsolii biyyaa, qondaaloota WBO, qaamota ittidhiheenyaanhordoftanii dhugaa jiru hubattanii fi qaaman dirree keessatti argamuun furmaata itti tolchuuf ifaajjitan marti galata guddaa qabdu jenna. Gidduu kana ammoo PPn namoota WBO diiguuf dirqama fudhatan kanneen akka Abbabaa Garasuu, Hayiluu Gonfaa fi Bilisummaa Biraanuu gara Keniyatti erguun Waraana Bilisummaa Oromoo fi ‘ABO’ waliin araarsina jedhanii oloola oofaa jiru. Murnii kun gantoota kana duras dirqama diinaa fudhatanii Waraana Bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’aa turan, ammas rakkoo jaal Goollichi qabu itti dhimma bahanii gara Itoophiyaatti galchuun, sana irraa olola tolfachuuf deeman Oromoon akka dammaqinaan fashalsu dhaammanna. Namoota akka Abduuba Wariyoo, kan bara jijjiiramaa WBO diiguun Itophiyaatti harka kennachiise fi Galgaloo Dhirrii bara jijjiiramaa jedhamuu galee; Jaarsoo Aannaa, godina Boorana keessatti qondaala PP ta’uun uummata biraatti seenaa badaa qabuu, kan dargaaggoota Oromoo Hiddii fi Moyyaaleetti fixaa turee; Dabbasoo Quxuu kan ganna 20 oliif Imbaasii Itophiyaa waliin wal-tahuun qabsa'oota Oromoo diinatti gurguruun seenaa fokkataa qabaachaa ture fi Hajii Godaana Kuluu, Jaatii Taadhii, Abbaa Gadaa duraanii Guyyoo Gobbaa fi kkf dabalataani torban darbe keessa gara Naayiroobbitti bobbahuun jaal Goollicha Dheengeef kan quuqaman fakkaachuun maqaa gosatiin mooraa gantootaatti dabaluuf yaalaa turan. Akeekni isaanii akkuma kana dura yaalaa turaan WBOn cabe jira, jaal Goollichi waraana fudhatee karaa nagaa qabsaahuuf gale jedhanii ololaa gaggeessuun,kasaaraa waraanaa fi siyaasaa isaan mudate ofuma sobanii of jajjabeessuuf ta’uu hubatamuu qaba. Gama biraan ABO-WBOn of dandahee hoggansa dirree irraa kennuu eegaluun, akka heerri cabeetti hogganoota ABO dirree jiran irratti ololuun, miseensota ABO biyya ambaa keessa jiranii fi WBO gargar fageessuuf olola rakashaa oofaa jiran qaama shira Goollicha irratti dalagamaa jiruu kan gaggeessan waliin hidhata qaban waan ta’aniif, miseensoti ABO biyya ambaa keessa jirtan akka irraa of eegdanii fi olola hogganoota ofiin jedhan afarsan akka hin dogoggorre dhammanna. Hogganni ABO hogganuu barbaadu, qabsoo Oromoon dachee Oromiyaa irratti gaggeessu keessatti argamuun hoggana kennuun dandahama. Qabsoo Bilisummaa Oromoo jabeessuuf Oromiyaa keessatti argamuun qooda ol’aanaa waan qabuuf, namni ABO hogganuuf fedha qabu akka gara dirree qabsootti bobbahee hogganus waamicha dhiheessina. Dabalataan mootummaa fashistii Abiyyitti harka kennachuuf WBO irratti ololuun ulaagaa kamiinuu kan fudhatama hin qabne ta’uu jaalattooti qabsoo bilisummaa Oromoo maraaf ifa goona. Qabsoon Bilisummaa Oromoo kufaatiif bu'aa ba'ii hedduu keessaa darbitee as geesse, namoota hedduu of keessaa harcasaa arma jirti. ABO-WBOn akka Qabsoon bilisummaa Oromoo hin diigamneef, yeroo hogganni bara 2017 keessa filame biyyatti galee; kaan hidhamee fi kaan facaa’ee biyya alaatti baqate jiru keessatti, qabsoo kaayyoo ABO qabachuun hoggana kennuuf seenaa qabsootu nu dirqe. Jaallan dirree irraa gootummaan qabsoo bilisummaa Oromoo hoggananii sadarkaa kanaan gahuun kan qabsaawota dirree keessaa sosso’an kan galateeffachiisu malee kan irratti olola bansiisu hin turre. Rakkoo dhuunfaa Jaal Goollichi qabuu itti dhimma bahuun qabsoo sabaa gufachiisuuf itti dhimma bahuun kan naamusa namummaa hin hordofne dha. Namooti hagoon hogganoota ABO-WBO irratti olola oofaa jiran fi kan akka badhaasaatti PP irraa aangoo kajeela jiran ofii isaaniitiin ofsaaxilaa jiran kan of dura ibsinu ta’a. Haala kanaan waggaa sadan darban gantooti WBOtti bobbaafamuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’aa turan irra aanuun, dammaqinsaa fi qaroomina ajajoota ABO-WBOn fashalee jira. Kunsi kora guddaa ABO-WBO irratti hoggana waaltawaa filachuun mirkanaawe. Hogganni haarawaan filames labsii duula Gootota Oromoon moggaafame Hagayya 8, 2021 labsameen milkii fi injifannoo jajjaboo galmeessuun mooraa diinaa fi farreeni yeroo yaaddessu, mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ammoo onnachiisee fi danboobsee jira. Nuti WBOn dhaloota hari'aa, seenaa fi rakkoo wal-xaxaa ABOn keessa dabarsee irraa barannee, jabna abbootii keenya qabsaa'oota haqaa maxxafannee, laafina isaanii irraa barachuun jabinatti jijjiiruun, jabina isaanii irraa dhaallee, tokkummaa keenyaa cimsannee, akeeka fi kaayyoo ABO isa ganamaa galmaan ga'uuf murannoo fi kutannoo hojjechaa jiraachuu keenya akka uummanni keenyi, miseensonnii fi jaalattoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo nuuf hubatan barbaadna. Akkasumaas akeekaaf kaayyoo qulqulluu jala hiriirun qooda nurraa eegamuu bahachuu qabna malee, ajandaa diinni fi ergamtoonni diinaa uumata keenyaaf kennan akka hin keessummeessine dhaammanna.

Dhuma irratti, Miidiyaaleen PP olola shiraan guutame WBO irratti lallabamuu jalqabe kanaaf osoo gurra hin kennine qabsoo ABO-WBOn itti jiru jabeessitan ilmaan Oromoo maraaf waamicha goona. PP waliin rakkoo siyaasaa Oromoo furuu ykn akka jaarmayaa bilisa ta’anii sosso’uun hin dandahamne Oromoon marti hubachuu qaba. Kanaaf, uummatni keenya galii qabsoo isaa kan tahe Mirga Hiree Murteeffannaa isaa harkatti galfatuuf ciminaa fi tokkummaadhaan akka socho’u gadi jabeessinee dhaamna. Uummati keenyi ololaa fi afaanfajjii gantooti Qabsoo Bilisummaa Oromoo qawwee WBO hatanii diinatti galanii fi maqaa qabsoo karaa nagaa qabsoofna jedhanii uummata keenya dogoggorsu bira darbanii WBO irratti ololan cinaatti dhiisee, galii qabsoo isaa kan tahe Mirga Abbaa Biyyummaa isaa harkatti galfatuuf duula ABO-WBOn maqaa Goototaa Oromoon moggaase cinaa dhaabbachuun Oromiyaa dhuunfatanii bulchiinsa uummataa diriirfamaa jiru bakkaan gahuuf qooda keessan ciminaa fi tokkummaadhaan bahattan Ajajaan Ol’aanaan ABO-WBO gad-jabeessee dhaama.

Injifannoo Uummata Oromoof! Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Fulbaana 20, 2021

1 view0 comments

Recent Posts

See All
bottom of page