top of page

Dhaamsa Bara Haaraa fi Amajjii 1 Guyyaa WBO Ajajaa Ol'aanaa ABO-WBO

  1. Miseensota ABO-WBO kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo dirqama duraa godhattanii falmaa hadhaawaa irra jirtan;

  2. Waraana Bilisummaa Oromoo Hawwii Saba guddaa dhugoomsuuf wareega qaalii baasaa jirtan;

  3. Qeerroo fi Qarree Oromoo, Sirnaa fi Diina Oromoo irratti warraaqsa gaggeessuun, mirga uummata keenyaaf falmaa hadhaawaa fi boonsaa cichoominaan gaggeessaa jirtan;

  4. Uummata Oromoo, hojjettoota, barsiistota, daldaltoota, ogeeyyii fayyaa fi qonnaa, hojii tajaajila sabaa irratti hirmaattanii jirtan marti, kan sirna gabrummaa hadheeffachuun haqaa fi of-irratti hirkannoon qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf hojjettan;

  5. Akkasumas tumsitootaa fi deggartoota qabsoo cunqurfamtoota Impaayera Itoophiyaa maraaf;

Baga bara haaraa kan 2022 tiin isin gahe. Barri haaraan kunis bara uummatni Oromoo diina isaa of irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa itti goonfatu akka ta'u, akkasumas diinni ummattoota cunqurfamoo irratti roorrisaa jiru bakkaa ka’ee, hawwii fi fedhiin ummattootaa itti guutamu akka ta'u ABO-WBOn ni hawwa.

Waan bara dhufu keessatti raawwatamu aggaamuuf, fedhii fi hawwii uummata qabsoofnuuf furuuf; dhimmoota bara darbe keessa raawwataman ilaaluun fardii dha.

Bara 2021 keessa haala qabsoon keenyi keessa ture, haala uummata keenyaa fi haala diinaa wal yaadachiisuun eegalla.

Guyyaa uummatni Oromoo gabrummaa jalatti kufee irraa eegalee saamtoti Impaayera Itoophiyaa maqaa mootummaa qaban, sirnoota cunqursaa diriirsanii, uummata Oromoo irraan miidhaa irraan ga'uunii fi mirga uumaa fi seeraan qabu sarbuu malee, uummata Oromoo akka uummataatti ilaalanii mirga isaa kabajuuf fedhii agarsiisan hin mul’atne. Saamtotni kun akkaataa itti qabeenya uummata Oromoo fi uummattoota cunqurfamoo saaman, uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo itti hamilee cabsuun bittaa jala turfatan mala dhahaa jiraatan.

Addatti ammoo saamtotni sirna PP Impaayera Itoophiyaa uummata humnaan bituuf murteeffatee asitti gochaalee sukkaneessaa uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo irratti gaggeessuun gara lola wal irraa hin citnetti seenanii jiru. Gaaffii uummattootaa humnaan ukkaamsuuf yaaluun dhukkuba Impaayerittii daran hammeessee gara galaafachuutti saffisaa jira.

Uummatni Oromoo, mootummaa isa bakka bu’ee dantaa isaaf dhaabbatu dhabuu irraan qabsoon waggoota dheeraaf geggeesse har’allee bakka hin geenye. Hawwii fi fedhii ummata Oromoo kana guutuuf sochii ABO-WBOn dachee Oromomiyaa dhuunfachuuf Qarree fi Qeerroo Oromoo hirmaachisee, qabsoo bilisummaa fi walabummaa geggeessaa jiruun, injifannoolee gurguddoo argamsiisuun sadarkaa haalamuu hin dandeenye irra ga'ee jira. Dachee Oromiyaa Kaabaa haga Kibbaa, Dhihaa haga Bahaa akkasumas Gidduu Galeessa keessatti gad of dhaabuun, moonaa diinaa diigee, kan Oromoo gad dhaabaa jira. Diinaa fi meeshaa diinaa boji’ee addunyaa daawwachiisaa jira. Diina Oromiyaa weeraruuf itti bobbaate irratti tarkaanfii of ittisaa fudhachuun Oromoof wabii ta’uu mirkaneessee jira. Gamtaa Tokkummaa humnoota cunqurfamoo, kan mirga hiree murteffannaa sabootaatti amanan waliin tolfatee moonaa diinaa diiguu itti fufee jira.

Sochiin kunis bara kana qalbii barreessitootaa fi miidiyaalee idil-addunyaa harkisee qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama argachuun, QBO gara boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisee jira. Haala kanaan, warri kaleessa qabsoo ABO-WBOn fi Oromoon gaggeessaa jiru qabsoo shororkeessaati jechaa turan; har’a hireen Impaayera Itoophiyaa miila Oromoo (ABO-WBO) jala jirti jechuuf dirqamanii jiru.

Bara dabarsine keessa Oromiyaan dirree leenjii fi falmaa ta’uun, WBOn sochiilee isaa roga maraan finiinsee gara Finfinneetti imaluutti jira. Falmaan gaggeeffamu kun ammoo kan Oromootti kabajaa horee, boquu Oromoo ol qabee fi diinota Oromoo ammoo lafa ilaalchisee dha. Ilmaan Oromoo moonaa diinaa keessa jiran hedduun qabsoo ABO-WBOn gaggeessutti hawwatamanii mooraa QBOtti dabalamaa jiru.

ABO-WBOn Adoolessa bara 2021 Kora Guddaa dirree Oromiyaa keessatti gaggeeffachuun hoggana haaraa tolfatee, duula dachee Oromiyaa deebisanii dhuunfachuu, maqaa qabsaawota gameeyyii ABO duraaniin moggaafatee gaggeessee injifannoolee gurguddoo galmeessuun, dachee Oromiyaa hedduu dhuunfatee jira. Itti fufuunis duula ’imala gara Finfinnee’ itti seenuun magaaloota Oromiyaa gurguddoo yeroo itti dhuunfachaa jiru keessa jira.

Waggaa darbe keessa, faarsitooti Minilik duula maqaa Minilik moggaafatanii lola bifa addaa uummata keenya irratti labsan kan lubbuu fi qabeenya ilmaan Oromoo hedduu gaga’e dha. Diddaa kanaafis ilmaan Oromoo qaalii, Qeerroo fi Qarreen Oromoo sochii diddaa Minilik yeroo itti qabsiisanii jiran keessa jirra. Bara PPn biyyaa fi qabeenya saboota cunqurfamoo China, Turkey, Iran fi UAE tti qabsiistee Diroonii fi qacaramtoota lolaa ergifachuun, uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo boombii itti roobsuun badii hiriyyaa hin qabne geessisaa jiran keessa jirra.

PPn shira uummata irratti xaxuun saamicha qabeenya irraa eegalanii hanga ajjeechaa Abbootii Gadaa fi namoota bebbeekamoo gaggeessuun Oromoo fi saboota cunqurfamoo irratti duguuggaa sanyii gaggeessuun hamilee uummattootaa akkuma Minilikitti cabsuun kooraa aangoo irra jiraachuu hawwaa jiru.

Ilaalchii fi seenaan fokkataa kun ammoo Oromoo qoqqodanii dabareedhaan rukuchuuf tattaafan keessa, kanneen mootummichaaf ulee ta'an gidduutti iyyuu akka wal dura dhaabbannoon jiraatu tolchaa jiru. Karoora duula Minilik duuba jiru jiru maal akka ta'e ifa gochuuf mootummaan Itoophiyaa kamuu ilaalchi uummata Oromoof qabu kan diinummaa ta'uu kan ittiin saaxiluu danda’ee dha.

Uummatni keenya biyyoota alaa keessa jiraatanis aggaammii diinaa kana dura dhaabbachuun sagalee uummata Oromoo mootummootaa fi dhaabbattoota addunyaa birattti dhageettii akka argatu gochuuf sosso’an kan dinqisiifamu dha. Bara 2022 kana keessas caalaatti bifa humnaa fi tokkummaa qabuun sagalee Oromoo akka taatan ABO-WBOn amana. Sochii waraanaa fi siyaasaatti dabalee roorroo uummata keenya irra ga'aa jiru mootummoota, jaarmiyoota Idil Addunyaa fi Godinaalee hubachiisuu irratti sochii gama diplomaasiin godhameen godhames kan nama jajjabeessu ta'uu ajajaan ol’aanaa ABO-WBOn hubachiisuu fedha.

Sochii diplomaasii kanaan, Ajjeechaa uummata keenya irra gahaa jiru addunyaan akka hubatu taasisuu, kana irratti qoodni uummati keenyi biyyoota alaa keessa jiraatu ol’aanaa ta'uu fi akka diinni barbaaduutti osoo hin taane tokkummaan sagalee uummata isaa dhageessisuu danda’uun jabina mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mul’ate kan fuula durattis itti fufuu ta’uu qabu dha. Gumaachi dinagdee uummati keenyi WBOf waliiti qabee sududaan ergaa jirus kan QBO jajjabeessaa jiru waan ta’eef tumsi kun kallattiin akka itti fufu dhaamanna.

Har’a ummatni Oromoo fi WBOn wal ta’uun cunqursaa baroota dheeraaf irra ture of irraa kaasuuf qabsoo isaa finiinsaa akka jiru hubatamaa dha. Lola WBOn gaggeessaa jiru kana duubatti deebisuuf, diinni qabeenya hedduu irratti dhangalaasuu irratti argama. Humna waraanaa fi tikaa kumaatamaan lakkaa'amu Oromiyaatti bobbaasee uummata keenya bifa ifaa fi dhokataan saamaa fi ajjeesaa, shororkaa guddaa keessaa seensisuuf hojjechaa jira. Biyya ambaa keessattis akka WBO dinagdeen of hin dandeenye, bifa gurmuu jabaa qabuun deeggarsa hin argatne warra danqaa ta’an, maqaa WBOtiin dinagdee walitti qabanii gara dabarsan, warra diinaan bobbaafamani media fi social media irraa WBO fi qabsaawota irratti ololaa oofuun QBO of duuba deebisuuf dhama’an ni beekna. Shira diinaa kana fashalsuun QBO rarraga bilisummaan ga'uufis waggaa haaraa kana jabinaa fi murannoon hojjachuun dirqama qabsaa'otaa fi lammiilee hundaa ta'uu ABO-WBOn hubachiisa.

Akkuma beekamu PPn mootummaa sirnaawaa fi seerawaa of fakkeessuuf filannoo adeemsisee ture. Filannoon PPn geggeese kan ulaagaa filannoo diimokraatawaa kan hin guutne ta'uu kan addunyaan hundi ragaa itti ba'e dha. Filannoo gaggeeffame keessatti kan hirmaates dhaabota bu’uura hawaasaa hin qabne dha. Haala kanaan, qaamumti tokko qofaa isaa filannootti hirmaatee mootummaa ijaare waan ta’eef fudhatama hin qabu. Kunis, yeroo gabaabaa booda gara lola hamaa kan lubbuu namoota kumaatamaan galaafataa jiruuf uummata afeeree jira. Har’as lolli kun hin dhaabbanne.

Mirgi keenya kan kabajamu diina of irratti ilaaluun osoo hin taane qabsoo gosa hundaa finiinsuun mirga keenya boortaan mulqamne of harka galfachuuf qabsaa’uu qofa dha. Qabsoo uummatni Oromoo itti jiru kan shaffisiisuu fi galii isaa dhaqqabsiisu falmaa dirree, biyya keessaa fi kan alaa walitti qindeessuun jabeessuu ta'uun hin falmsiisu. Ijaaramuu, qajeelfamaa fi bulchinsa diinaa diduun, imaammata mootummaa hojiitti hiikuu lagachuun tokkummaa ofii cimsachuun diina irratti falmaa hidhannoon deeggarame geggeessuun alatti filmaatni biraa hin jiru.

Kanaaf, kanneen Qabsoo Bilisummaa Oromoo mararfatan marti ABO-WBO fi deeggartoota isaa caalaatti jabeessuu fi cimsuun dirqama ulfaataa nu eeggatuu dha. WBOn haalota ulfaatoo fi hamoo isa mudatan hunda irra aanee kan qabsoo itti fufuu danda’e cichoomina fi of-kennisa guddaa onnee fi qalbii keessaa waan qabuufi. Ummatni Oromoo ilmaan isaa cinaa dhaabbachuun waan irraa barbaadamu guutuutti dabalee qaamaan itti makamuun WBO jabeessuu irratti qoodni gumaachaa jiran yoomiyyuu kan hin dagatamne, seenaa keessatti yaadatamaa jiraatan ta’u. Wareegama hanga ammaatti baafamettis firii gochuuf bara 2022 WBO jabeessuu dirqama duraa godhachuun qabeenya, beekumsaa fi humna namaan gabbisuuf haa hojjannuun waamicha guddaa ajajaa ol’aanaa ABO-WBO bara kanaati. Keessattuu ummatni keenya biyyoota alaatti argamu kana hubachuun dirqama lammummaa isaa akka ba'atu ABO-WBOn waamicha isaa dabarsa, waamicha dhiheessu kanaafis ummata irraa deebii quubsaa argachaa ture ammas akka argatu abdii guutuu qaba.

Midiyaaleen Oromoo biyyoota alaa keessatti dhimma uummata Oromoo tarkaanfachiisuuf, wal quba qabeenyaan tamsaafaman, dhimmi uummata Oromoo caalaatti akka dhageettii horatuu fi deggersa argatu gochuuf tarkaanfiilee WBOn fudhatu dhageessisuu keessatti qooda qabaachaa turan galateeffachaa, ammas qooda isaanii akka daran jabeessan ABO-WBOn waamicha dabarsaaf.

ABO-WBOn tattaaffii Adda tokkummaa uummatoota cunqurfamoo waliin tolche akka dantaa sabaa fi sablammoota hundaaf tolutti jabinaan hojjeta. Uummatni Oromoos obboloota isaa cunqursaa jalaa jiran, kan bilisummaa fi walaboomuuf qabsaawaan karaa danda’amee hundaan jajjabeessuu waamicha isaa dabarsaaf. Olola diinaa uummatoota walitti buusuu fi walitti diinomsuuf hojjetuf osoo bakka hin kenniin, karaa diina waloo of keessaa buqqaasuun danda’amu cunqurfamootni wal ta’uun akka ta'e hubachuun bal’inaan akka irratti fulleeffatamee hojjatamu ABO-WBOn yaadachiisa.

Ummatni Oromoo hiraarfama irra ga'aa jiru keessaa ba'uuf abdiin isaa qabsoo bilisummaa ABO-WBOn durfamu akkaa ta'e ifaa dha. Uummatni Oromoo ABO-WBO kan abdatuufis qaama walaba ta’ee dantaa uummata Oromoof kan dhaabbate ta'uu fi falmaa QBO keessatti haqa uummata Oromoo dhugoomsuu keessatti qabsoo hidhannoo gaggeessaa wareegama ulfaataa baasuu hubachuu irraa ti. Uummatni Oromoo bara haaraa kana keessatti abdii fi hawwiin isaa guutame walabummaa isaa akka goonfatu ABO-WBOn qooda irraa eegamu mara gumaacha.

Uummatni Oromoo fi WBOn akkuma waggaa dabre keessa oggaa saamamnu, ajjeefamnuu fi hidhaatti guuramnu callisnee hin ilaallu jechuun tarkaanfiilee hedduu fudhataa ture, bara kanas qabsoo caalaatti babal’isuu fi finiinsuun umrii bittaa hordoftoota Minilik haa gabaabsinu. Uummatni, addatti dargaggoo fi barattootni gabrummaa hin dhaallu jechuun deggarsa qabsoo hidhannoof gootan akka daran guddistan waamicha goona. Dachee Oromoo dhuunfachuun filmaata osoo hin taane dirqii dha, ilmaan Oromoo magaalaa fi baadiyyaa keessattis wareegama ulfaataa baasaniin uummata Oromoo boonsanii fi abdii itti horan, qabsoo itti jiran finiinsuuf caalaatti wal ijaaranii fi gurmaa’anii akka sochii isaanii cimsan ABO-WBOn gadi jabeessee dhaama. Caalaatti ijaaramanii falmaa jalqabame bakkaan ga'uuf caalaatti sosso’uun alatti filmaatni biraa fi daandiin biraa akka hin jirre gadi jabeessinee hubachiifna.

Mootummaa farra uummatootaa kan uummatoota walitti buusuu fi diinomsuun umrii bittaa isaa dheereffachuu barbaadu kana of irraa kaasuuf cunqurfamootni hundi akka qabsoo isaanii finiinsan ajajaan ol’aanaa ABO-WBOn hubachiisa. Wal irratti osoo hin taane diina irratti tokkummaan akka bobbaanu dhaamna. Wal ta'uu fi wal dhaga’uun sochii goonuu fi wareegama baafnuun umrii bittaa cunqursaa haa gabaabsinu.

Injifannoo Ummata Oromoof! Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Mudde 31, 2021

0 views0 comments

Recent Posts

See All
bottom of page