top of page

Shororkeessummaa, Shiraa fi Fakkeessiin Furmaata Nagaa fi Tasgabbii Ta’ee Hin Beeku! (Press Release)

(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Muddee 11, 2021 humni ittisa Tigray (TDF) gara duubaa sosso’ee booda partiin badhadhina ofiin jedhu, PPn, gama tokkoon lola ijibbaataa WBO dhabamsiisuuf nan gaggeessa jedhuun Oromiyaa weeraruuf yaaluun; gama biraan ammoo marii nagaa fi araaraa gaggeessa jedhee hawaasa addunyaa afaanfajjeessuuf yaalaa jira. Lolli inni gaggeessaa jira jedhus haleellaa cimaa WBOn irraan gaheen ol’aantummaa WBOdhaan, meeshaa waraanaa hedduu irraa boji’uu fi bobbaa isaa babal’ifachuun of dura tarkaanfachaa jira.

PPn injifatamuu isaa kana dhokfachuuf ummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota nagaa fiixuun, yakka sanyii duguuggaa Oromoo fi sabaa fi sablammoota irratti raawwachuun shororkaa uumuuf tattaafataa jira. Yakka ofii raawwates WBOtti haqachuuf olola qindaawaa gaggeessaas jira. Lola PPn Afrikaatti babal’isuuf barbaadu kun, kan sagantaa siyaasaa Minilk - farra dhala namaa ta’e, Itiyophiyaa keessatti akka ol’aantummaa qabaatu hojjechaa jiran waan ta’eef, uummata Oromoos ta’e saboota cunqurfamoo, biyyooti Afrikaas ta’e hawaasi idiladdunyaa balaaleffachuu qabu. Toftaan haaraan PPn kan Miniliktti dabalan yoo jiraate, yakka ofii uummata nagaa irratti raawwatan mara akka WBOn ykn falmattooti bilisummaa raawwatan fakkeessanii dhiheessuun hawaasa addunyaatti kijibanii dogoggorsuuf yaaluudha.

Kanaaf ragaan, Kaaba Oromiyaa Wallo keessatti uummata Oromoo nagaan qee’ee isaa keessa jiraatu, qilleensaa irraan boombii itti roobsanii fi lafa irraan weerara addaa irratti gaggeessuun, duguuggaa sanyii bifa sukkaneessaa ta’e irratti raawwachuu isaanii gabaasni fi ragaaleen vidiyo kaaba Oromiyaa Walloo keessaa dhaamaman mul’isaa jiru. Duguuggaan Sanyii Abbootii Gadaa Karrayyuu irrattis PPdhaan raawwatames Oromoo shororkeessanii qabsoo isaa irraa duubatti harkisuuf karoorfame ture. Ajjeechaa maatii Presedantii Oromiyaa duraanii obbo Alamaayyoo Atoomsaa irratti raawwatames qaamuma shira hordoftoota Minilik ta’uu hubatamuu qaba.

Jaarraa 21ffaa keessa yakkaa fi shira kana fakkaatu raawwatanii ijaarsa hawaasaa diiguun fi kan ofii ijaaranii aangoo irra turuun kan barri itti darbe dha. Bara kana keessa dhugaa dhoksuun ulfaataa waan ta’eef,yeroo gabaabaakeessatti yakkii fi shirri saba irratti raawwatamaa jiru PP keessaayyuu osoo oolee hin buliin saaxilamaa jira. Fakkeenyaaf ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame kan ajaja aangawoota PPdhaan akka raawwatame aangawaan PP Tayyee Danda’aa ifaan ibsee jira. Ammas PPn qabsoo sabaa fi sablammootaa waraanaan dhaabuu dadhabde ololaan laaffisuuf tattaaffii gochaa akka jirtu uummati keenyi hubachuu qaba.

  1. Hordoftooti Minilik qaama WBO fakkaatuu ofii bobbaasanii fi miseensota WBO duraanii keessa namoota quunnamanii ajjeechaa sukkaneessaa hogganoota aadaa, namoota bebbeekamoo fi uummata irratti raawwachuun, saaminsa gaggeessuuni fi qabeenya uummataa barbadeessanii hiyyoomsuun WBO uummata biratti jibbisiisuuf, WBO onnee fi sammuu uummata keessaa baasuu, akkasumas akka WBOn dhiheessii gahaa hin argatne tolchuu qabna jedhanii duula gochaa fi ololaa qindeessanii sosso’aa jiran uummati keenyi hubatee;

  2. Namoota ABO fi WBO keessa turan itti dhimma bahuun olola walitti fufiinsaa oofuun akka ABO-WBO jibbamu taasisuu, fakkeenyaaf namoota akka Qajeelaa Mardaasaa fi Goollicha Dheengee fakkaataan mediatti baasuu, uummata keessatti bobbaasanii akka marii gaggeessan tolchuun uummata keessatti afaanfajjii uumuuf karoora qaban irratti dammaqee;

  3. Namoota Qabsoo hidhannoo hulluuqanii seenan, dantaa dhuunfaaf bololan quunnamanii nutu isiniif jira, jabaadhaa isin gargaarra jedhanii diaspora fi biyya keessaa quunnamanii dirqama PP irraa fudhatanii raawwatan dhidhiibanii fi uummata irratti yakka raawwatan, uummata saamsisan, hiraarsani fi jireenya isaanii dhuunfaatti deebihan jajjabeessuun, WBO keessatti garagarummaa dhalchuuf tattaafachuun mallattoon waan jiruuf;

  4. Warrumti lola kana gaggeessaa turan gam tokko maqaa marii nagaa fi araaran ofumaa walitti haasahuun mirga uummataa ukkaamsuuf karoora waan qabaniif;

Uummatni keenyi fi hawaasni idil-addunyaa toftaa fi shira hordoftooti Minilik itti dhimma bahanii fi xaxan hubatee, sagantaa siyaasaa Minilk diduun, duula Minilik irratti bobbaafame fashalsuun dhimma jiraachuu fidhabamuu sabaa fi sablammootaa waan ta’eef; dabaa fi shira hiriyyaa hin qabne kan Oromummaa fi eenyummaa sabootaa irratti gaggeeffamaa jiru, miseensota PP eenyummaa isaanii tikfachuu barbaadan dabalatee waan dhabamsiisuf deemu waan ta’eef ilmaan Oromoo waraana PP keessa jirtan marti ofiif jecha meeshaa qabdan gaggeessitoota sagantaa Miniliktti garagalchitanii qaama seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo taatan, yoo sun ta’uu hanqate seenaan General Sa’ire Mekonin kan isin irraa hin hafne ta’uu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO hubachiisa

Sagantaan siyaasaa Minilik sabaa fi sablammoota impayera Itiyophiyaa keessa jiran qofaa osoo hin taane hawaasa idil-addunyaa maraaf balaa guddaa waan qabuuf, lola PPn maqaa Minilikiin moggaasee gaggeessaa jiru kunis kan impayera Itiyophiyaa diigee naannoo gaanfa Afrikaa jeequmsa keessa galchuu waan ta’eef tokkummaadhaan dura dhaabbatamu akka qabu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO dhaama. Sochii Haqaa, Nagaa fi Dimokraasii Qeerroon Bilisummaa Oromoo Diddaa Duula Minilik irratti gaggeessuuf jalqabes jajjabeessuf, qaamni haqa, nagaa fi dimokraasiif dhaabbate martis sochii kana akka deeggaru ajajaan ol’aanaa ABO-WBO waamicha godha.

Yakkii fi maqaa balleessiin WBO irratti gaggeeffamaa jiru kan akeeka siyaasaa of keessa qabu ta’uu hubachiisaa, akeeki WBOs uummata isaa bilisoomsuufi hiree saboota hundaaakkasabooti ofii isaaniif murteeffatan hiree banuu ta’uu beekamee, uummattoota ollaa waliin gamtaa tolfannejabeeffachaa of dura tarkaanfachuun kan filamata biraa hin qabne dha. Kabajaan dhala namaashaqaaf dhaabbachuu, haqaa fi wareega baasuun jabaatanii mul’achuu irraa waan madduuf, eenyummaan keenyi fi mirga dhala namaa keenyi akka kabajamu, biyyaa fi qabeenya keenya irratti akka abbaa taanu, tokkummaadhaanis waliin qabsoofnee sagantaa siyaasaa Minilik of irraa kaasenee bilisoomnu shakkiin hin jiru. Shororkeessummaa, shiraa fi fakkeessiin furmaata nagaa fi tasgabbii ta’uu akka hin dandeenye Ajajaan ol’aanaa ABO-WBO hubachiisa!

Injifannoo Ummata Oromoof! Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Mudde 29, 2021

0 views0 comments
bottom of page